Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa bakkeewwan ummatni baayyatu hundatti maaskiin akka uffatamu gorse

Finfinnee, Caamsaa 29, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa bakkeewwan ummatni baayyatu hundatti maaskiin akka uffatamu gorse.

Dhaabbatichi akka jedheetti, maaskii kaawwachuun akka vaairasiin namootaatti hindabarre kan ittisu ta’u odeeffannoo haaraan argameera.

 

Addunyaarratti biyyoonni tokko tokkoos manaan alatti maaskii uffachu akka dirqamaati kaa’aniiru.

 

Kanaan dura garuu dhaabbatichi namoonni fayyaa qaban maaskii uffachuun bu’aa qabaachusaarratti raga gahaa akka hinqabne himee ture.

 

Keessattuu namoonni dhukkubsataniifi kanneen isaaniif kunuunsa taasisan maaskii mirkanaa’e (medical face mask) kaawwachu qabuus jedheera.

 

Addunyaarattis namoonni gara miliyoona 6.7 ta’an vaayrasii Kanaan qabamunsaanii kan mirkanaa’e yoo ta’u, kumi 400 kan ta’an ammoo lubbusaanii dhabaniiru.

 

Maddi: BBC

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.