Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Ityoophiyaatti ittisa vaayrasii koroonaa qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan akka hojjetu beeksise

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (FBC) –Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Ityoophiyaatti manneen barnootaa banamuun walqabatee karaalee ittisa vaayrasii koroonaa qixaan hojiirra oolchuu isaanii mirkaneessuuf qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan akka hojjetu beeksiseera.
Ityoophiyaatti weerarri vaayrasii koroonaa uumamuun walqabatee waggaa darbe baatii Bitootessaa keessaa manneen barnoota cufamuun isaa ni yaadatama.
Baatii Fulbaanaa darbe mootummaan manneen barnootaa ofeeggannoo taasisuun akka banamanii fi barattoonni gara mana barnootaatti akka deebi’aan murteesseera.
Ityoophiyaatti bakka bu’aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Booriyoom Haamaa Saamboo manneen barnootaa banamuun waliin walqabatee karaalee ittisa vaayrasii koroonaa hojiirra olchuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.