Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa ittisa weerara Awwannisaaf deeggarsa laate

Finfinnee, Amajjii 22, 2012 (FBC) – Dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa(USAID) weerara Awwaannisaa ittisuuf kan oolu Doolaara Ameerikaa kuma dhibba 8 Ityoophiyaaf deeggarsa taasise.
Waltajjiin marii haala yeroo weerara Awwaannisaa Gaanfa Afrikaa mudate irratti qopheessummaa Dhaabbata Nyaataa fi Qonna Addunyaa gaggeeffameera.
 
Haala yeroo weerara Awwannisa gammoojjii Gaanfa Afrikaa ilaalchisee Ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa, bakka buutoonni Fandii Misooma Qonnaa Addunyaa fi bakka buutoonni Sagantaa Nyaata Addunyyaa marii gaggeessaniiru.
 
Ityoophiyaa, Keenyinaa fi Soomaaliyaatti weerara Awwaannisa gammoojjii lafa hektaara kuma dhibba 4 fi kuma 85 irraa hatattamaan ittisuuf karoorri qophaa’ee hojjetamaa jiraachuu marichaan ibsameera.
 
Miidhaa awwaanisni kun qaqqabsiisaa jiru hambisuuf dhaabbanni gargarsaa Ameerikaa Ityoophiyaaf deeggarsa kan taasisuu ta’uu ibsameera.
 
Roomitti dursituun Miisiiyoonii FDRI Ambaasaaddir Zanabach Taaddasaa qaamoolee deeggarsa kana taasisan galateeffachuun, miidhaa Awwaannisa gammoojii kun qaqqabsiisaa jiru ibsaniiru.
 
Miidhaa qaqqabsiisaa jiru hambsisuuf deeggarsi Loojastiiksii, ijaarsa dandeettii, qorichaa, teeknikaa fi meeshaalee biroo godhamuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii weerara Awwaannisa gammoojii Afrikaa mudate ittisuuf Doolaarri miiliyoonni 76 akka barbaachisu ifoomsuun isaa kan yaadatamuudha.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.