Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Ingiliiz ‘KSJ’ hojjettoota tamboo hin xuuxnef boqonnaa dabalataa kenne

Finfinnee, Amajjii 6, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Ingiliiz ‘KSJ’ jedhamu hojjettoota isaa tamboo hin xuuxnef boqonnaa waggaa dabalataa kan laatu ta’uu beeksise.

Dhaabbatichi qajeelfama haaraa baasen hojjeettoota tamboo hin xuuxnee fi xuuxuu dhaabaniif boqonnaa dabalataa kan laatu ta’uu beeksiseera.

Dhaabatichi boqonnaa waggaarratti guyyoota dabalataa afur kan kennu ta’uu ibseera.

Hojjettoota dhaabbatichaa 11 keessaa walakkaan tamboo kan xuuxan yoo ta’u, qajeelfamichi ba’uun walqabatee hojjetaan tokko tamboo xuuxuu dhiisera jedhame.

Namni tokko guyyaatti daqiiqaa 10f tamboo yoo xuuxe waggaatti guyyoota 16 akka qisaasu ibsameera.

Itti gaafatamtoonni dhaabbatichaa qajeelfamicha kan baasan Jaappaan akkanaan bu’a qabeettii ta’uu isheetini jedhaniiru.

Qorannoo Faawundeeshiniin Onnee Ingiliizi bara Faranjootaa 2014 gaggeessen, namni tokko guyyaatti tamboo xuuxuuf daqiiqaa 10 yoo qisaase, Paawundii biiliyoona 8.4 dhabsiisa jedha.

Maddi:- Indiippeendant

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.