Fana: At a Speed of Life!

Jeneraal Mootars konkolaataa konkolaachisaa malee imalu hojjechuu beeksise

Finfinnee, Amajjii 13, 2012 (FBC) – Jeneraal Mootars konkolaataa konkolaachisaa malee imalu hojjechuu beeksiseera.

Konkolaatichi humna elektiriikaan kan socho’u ta’uun himameera.

Dhaabbatichi konkolaattoota konkolaachisaa malee imalan kan oomishe kan jalqabaa ta’uu fi dhaabbata Jeneraal Mootars Kiruuz waliin walitti hidhamiinsan kan hojjetame akka ta’e ibsameera.

Konkolaatichi qajeelchituu, to’attuu fi boba’aa kan hin fayyadamne, teessoo imaltoota qofa kan qabudha jedhame.

Konkolaatichi gurgurtaaf osoo hin taane daawwii fi muuxannoo wal jijjiirraa qofaaf kan dhiyaate ta’uun himameera.

Hoong Koong konkolaataa haaraa Jeneraal Motars waliin qooda abbummaa akka qabu ibsameera.

Kiruuz kana dura daldala konkolaataa konkolaachisaa malee imalu San Firaansiiskootti eegaluuf karoorfatus, osoo hin milkaa’in hafuun isaa ni yaadatama.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.