Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni ‘KOTRA’ ” jedhamu meeshaalee Calaltuu maaskii Biiroo Fayyaa Oromiyaaf gumaache

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2014 (FBC) – Dhaabbanni KOTRA “Korea Trade Investment Promotion Agency ” jedhamu meeshaalee Calaltuu maaskii Biiroo Fayyaa Oromiyaatiif gumaachuu ibsameera.
Meeshaalee kunniin lakkoofsan miiliyoona 1.23 yoo ta’an Birrii miiliyoona 14.5n kan bitaman ta’uu himameera.
Calatltuun maskii kunniin ogeeyyii yaala “COVID-19” irra hojjachaa jiraniif dhaabbilee fayyaa naannoo Oromiyaa keessaa hojjetaniif kan raabsamu ta’uus eerameera.
Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa sagantaa wal-harkaa fuudhiinsaa taasiisaniiru.
Dooktar Mangiftuu Kooriyaan Kibbaa hojii akka seektara fayyaatti hojjatamaa jiruuf yeroo garaagaraa deeggarsa gurguddaa taasisaa turuu ibsuun,deeggarsi guyyaa har’aa taasifame kun immoo hojii ittisa “COVID-19” hojjatamaa jiruf tumsa guddaa kan taasisu ta’uu himaniiru.
Deeggarsa dhaabbatichi taasiseef galateefachuu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.