Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii seera Naayijeeriyaa keessatti dhiiroti gudeeddiin yakkaman haa kolaafaman jedhu balaallefate

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii seera Naayijeeriyaa keessatti dhiiroti gudeeddiin yakkaman haa kolaafaman jedhu balaallefate.

Koomishinariin olaanoo mirgoota namoomaa dhaabbatichaa Misheel Baachileet seera Naayijeeriyaa naannoo Kaadunaa jedhamu keessatti ragga’e balaallefataniiru.

Seerichi dubartoota daa’imman gudeedan immoo ujummoon gadameessaa isaanii akka bahu ajaja.

Baachileet akka ragaan agarsiisutti adaba hammeessuurra adabamuu isaanii mirkaneessuutu yakka hir’isa jedhan.

‘’Kolaasuu fi ujummoo gadameessaa baasuun gama haqa argamsiisuun rakkoon inni furu hin jiru, ittisuu irrattis shoora hin qabu,’’ jedhan.

Adabbiiwwan suukaneessoo fi dararaan yakkamtoota irra akka hin geenye seera dhorku ni sarba jedhan.

Baatii muraasaan asitti Naayijeeriyaa keessatti adabbiin yakkamtoota gudeeddii raawwatan irratti darbu ni xiqqaata jedhuun ummanni roorroo dhageeessisaa ture.

maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 


 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.