Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Qindeessa Anniisaa Awrooppaa saaybariin miidhame

Finfinnee, Bitootessa 4, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Qindeessa Anniisaa Awrooppaa saaybariin miidhame.

Opireetariin sirna daddabarsa neetwoorkii elektiriikii Awrooppaa (European Network of Transmission System Operators for Electricity ‘ENTSO-E’) yeroo dhiyoo saaybariif saaxilameet ture.

Dhaabbatichi ibsa laaten neetwoorkii dhaabbatichaarratti miidhaan saaybarii cimaan ga’eera.

Awrooppaa keessatti opireetaroota sirna daddabarsa elektiriikii 42 bakka kan bu’u “ENTSO-E” irra  uggura irra ga’een oppireetariin sirna daddabarsa neetwoorkii waliin wal qunnamuu akka hin dandeenye ibseera.

Dhaabbatichi miidhaan dabalataa akka hin qaqqabneef yeroo ammaa kana qophii ta’uu isaa ibseera.

Dubbi himaan dhaabbatichaa Kiilar Kaams waa’ee saaybarichaa sababoota ifa ta’e dubbachuurraa of qusataniiru.

Maddi:- welivesecurity.com

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.