Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Saamsang bilbiloota haaraa S-20 fi Z Fliip jedhaman ifoomse

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2012 (FBC) – Dhaabbanni oomisha elektirooniksii Saamsang bilbiloota dhaloota 5ffaa haaraa tajaajila intarneetii qaban Gaalaaksii S-20 fi Z Fliip oomishuu beeksisee.

Bilbilli haaraan S-20 ammayaa’aa kun kaameera fakkii harka100 guddisuu danda’u kan qabuudha jedhame.

Galaaksiin Z Fliip jedhamu kun ammoo dandeetti dadacha’uu akka qabu dhaabbatichi beeksiseraa.

Dabalataan haxooftu dhukkee fi xuraawwa qulqulleessuu danda’u qaba jedheera.

Bilbiloonni haaraan kunneen Ameerikkaatti Doolaraa Ameerikaa kuma 1 fi 380 fi Biriitaaniyaatti ammoo Yuuroo kuma 1fi 300tti akka gurguramu gatiin murtaa’eefira jedhame.

Guyyoota lama booda gabaaf kan dhiyaatan ta’uu himameera.

Saamsangiin gurgurtaa bilbiloota ammayyaa’oo Chaayinaan alattis biyyoota gargaraatti akka raabsuu ni beekama.

Yaa ta’u malee weerarri koroonaa vaayraasiif haala gurgurtaa isaa irratti dhibbaa uumaa jiraachuu himeera.

Rakkoo gabaa mudate kana furuuf dhaabbatichi hojiiwwan garagaraa hojjetaa jiraachuu himeera.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.