Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni waggaatti balfa pilaastikaa toonii kuma 10 deebisee hojiirra oolchu Paarkii Indaastirii Adaamaa keessatti ijaaramuufi

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Dhaabbanni waggaatti balfa pilaastikaa toonii kuma 10 ol deebisee hojiirra oolchu Paarkii Indaastirii Adaamaa keessatti ijaaramuuf ta’uu ibsame.

Dhaabbanni oomisha pilaastikaa Kuubik Ityoophiyaa jedhamu Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii waliin hojjechuuf akkasumas Paarkii Indaastirii Adaamaa keessatti sheedii oomishaa kiraan fudhachuuf Korporeeshinicha waliin waliigaltee mallatteesseera.

Waliigalticha hojii raawwachiisaa olaanaan Korporeeshinichaa obbo Saandookaan Dabbabaa fi hojii raawwachiisaan dhaabbata Kuubik Ityoophiyaa obbo Qiddus  Asfaaw mallatteessaniiru.

Invastimantichi faalama naannoo hambisuuf ga’ee olaanaa qabaachuu obbo Saandookaan ibsaniiru.

Yeroo itti aanutti invastimanticha babal’isuuf korporeeshinichi deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu fi dhaabbatichis ariitiin gara hojiitti akka seenu gaafataniiru.

Hojii raawwachiisaan dhaabbata Kuubik Ityoophiyaa obbo Qiddus  Asfaaw gamasaaniin,invastimantii jijjiirama guddaa fidu ariitiin gara hojiitti galchuuf kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

Invastimantichi carraa hojii kallattii fi Al-kallattii kuma 10 ol kan uumu ta’uu ragaan Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastiriirraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.