Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbannii Amaazoon teeknooloojii fuula nama adda baasuu akka hin fayyadamne dhorke

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2012 (FBC) – Seerri dhaabbata teeknooloojii Amaazoon sooft weerii fuula nama adda baasuu waggaa tokkoof akka hin fayyadamne dhorkeera.

Dhaabbatichi murtoo kan kan dabarsee falmaattoonni mirga Siiviili hannaa teeknooloojii irratti hunda’een qoddii sanyummaa uumuu ni danda’uu sodaa jedhuun murteesseera.

Kanarra darbees poolisii Ameerikaan ajjeechaa lammii Afrikaa Joorjii Flooyiid irratti hunda’uun dhaabbaticharratti dhiibbaan qaqqabaa jiraachuu himeera.

Ta’us teeknooloojiicha  fayyadamuun daddabarsa namoota seeraan alaa waliin walqabsiisee dhaabbileen teeknooloojiichatti fayyadamuu ni danda’uus jedheera.

Ibsa dhaabbatichi baaseen, mootummaan teeknooloojii fuula adda baasuutti fayyadamuuf sirna itti fayyadamaasa kan hordoofan maamiltoota qopheessuu qaba jechuun ibseera.

Dhaabbatichi walqabsiisee qamooleen nageenya sooft weerii fuula adda baasuuf akka fayyadamaan taasisuuf seeraa baastoonni Ameerikaa teeknooloojicha waggaa tokkoof akkamiin akka fayyadamaan seeraa to’atuu baasuuf caarraa qopheessaafiin jira jedhera.

maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.