Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbata Ameerikaan kan oomishame talaalliin dhibee Covid-19 yaalii dhumaarra ga’era

Finfinnee,Adoolessa 8, 2012 (FBC) –Dhaabbanni Ameerikaa Modernaa jedhamu talaallii yaalii dhibee Covid-19 namarratti eegaluuf boqonnaa dhumaarra ga’uu beeksise.
Xumura baatii kanaa namarratti yaaliin bu’aa qabeessummaan talaallichaa ni eegalama jedhameera.
 
Namoota kuma 30 yaalii talaallii kanarratti hirmaachisuuf yaadameera jedhame.
 
Dhaabbatichi yaalii marsaa duraa namoota 45 irratti taasiseen namoonni kunneen farra qaama alagaa(antibodies) vaayrasii qolatu horachuu danda’uusaanii ibsameera.
 
Qorannoon kun hanga bara Faranjootaa 2022tti itti fufa jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.