Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi dubbisa lakkooftuu haaraa ammaayyawaa ta’e hojiirra oolche

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) – Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa dubbisa lakkooftuu haaraa ammaayyawaa sadarkaa idil addunyaa eeggate hojiirra oolchuu beeksise.

Dubiftuun haaraan tajaajila ibsaa kun ‘Kooman Meetir Riidiing Inistiruumant’ (CMRI) kan jedhamu meeshaa daraan ammayyaawwaa ta’uu ibsameera.

Meeshaan kun komii kaffaltii humna ibsaan walqabatee ka’uu furuuf kan gargaaru ta’uu eerrameera.

Dubbifni lakkooftuu kun fageenya meetira 50 fi sanaa gadirratti lakkoofsa maamilaa walitti aanu galchuun lakkoofsa dubbisa lakkooftuu fudhachuuf kan dandeessisuudha jedhame.

Dubbifni dubbifame sirrii fi sirrii ta’uu dhabuu isaa mirkaneessuuf dubbisaaf carraa kan laatudha jedhame.

Hanqina dubbisaa furuuf, adeemsa hojmaataa saffisiisuuf, itti fayyadama yeroo fi qabeenyaa fooyyeessuuf, hojmaata waraqaarraa bilisa ta’e diriisuuf, dogongora dubbisa galmee hambisuuf, komii maamiltootaa hir’isuuf, iftoominaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf kan gargaaruu ta’uu himameera.

Galii dhaabbatichaa seeraan walitti qabuuf shoora olaanaa kan qabu ta’uu eerrameera.

Meeshaalee dubbisa lakkooftuu kuma 2 ol Doolaara Ameerikaa kuma dhibba 4 oliin bituun bulchiinsa magaalotaa fi naannoleef rabsuun hojmaata adeemsa dubbisaa waraqarraa bilisa ta’e gara Diijitaalaatti jijjiiruuf hojjetamaa jiraachu ibsameera.

Lakkooftuun kun hanaga muddee 30, 2013tti giddugala hundatti hojiirra kan oolu ta’uu eerrameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.