Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi karoora weerara vaayrasii koroonaa ittisuu dandeessisu ifoomse

Finfinnee, Bitootessa 23, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtooman karoora weerara vaayrasii koroonaa ittisuu dandeessisu ifoomse.
 
Weerarichi dhiibbaa diinagdee addunyaarratti qaqqabsiisuu danda’u ilaalchisuun karoora fuula 26 qopheessera.
 
Barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez vaayrasichi lubbuu namootaa dabarsuun ala, diinagdee addunyaatif miidhaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Kanaaf ammoo biyyootaf imaammata waloo fi hammataatu isaan barbaachisa jedhaniiru.
 
Hawaasa vaayrasichaaf saaxilamaa ta’ee fi biyyoota hiyyeeyyidhaaf deeggarsi faaynaansii fi teeknikaa ni barbaachisa jedhaniiru.
 
Addunyaan tarkaanfii sirrii fudhachudhan, weerarichi miidhaa qaqqabsiisu qolachuun ni barbacahisaanis dhaamaniiru.
 
Diinagdeen biyyoota guddachaa jiranii akka dandamatu, murtoo sirrii dabarsuu fi deeggaruu, biyyoonnis qindoominaan hojjechuutu irra jiraata jedhan
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.