Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee barnoota olaanoo fi leenjiitti koreen dhimma vaayrasii koroonaa hordofu hundaa’e

Finfinnee, Bitooteessa 9, 2012 (FBC) – Dhaabbilee barnoota olaanoo fi leenjiitti koreen dhimma vaayrasii koroonaa hordofu hundaa’e.

Korichi dhaabbilee barnoota olaanoo fi leenjii hunda keessatti hojjeta.

Koreen Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoon hundaa’e kun, Bitootessa 7,2012 eegalee hojii eegaleera.

Haaluma kanaan deeggarsa barnootaa, kitaabolee wabii, kitaabota oonlaayinii, intarneetii, sooft kooppii fi haard kooppiin dhiyeessuun dhuunfaan akka dubbisan hojjechaa jira.

Waa’ee vaayrasichaarratti hubannaa uumuuf hawaasni dhaabbilee barnoota olaanoo hojjechaa jiraachuunis ibsameera.

Hojjettoonni umriin isaanii 60 ol ta’e, dhibee sukkaaraa, asmaa, dhibee ujummoowwan argansuu, kaansarii fi dhibee onnee qaban tamsa’ina vaayrasichaarraa akka of eeganis dhaamameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.