Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee daldalaa Dhadhaa, Dammaa fi Barbaree wantoota fayyaa namaaf farra ta’an waliin makuun gabaaf dhiyeessuun shakkaman 26 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Eebila 21, 2013 (FBC) – Dhaabbilee daldalaa Dhadhaa, Dammaa fi Barbaree wantoota fayyaa namaaf farra ta’an waliin makuun gabaaf dhiyeessuun shakkaman 26 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee fi Abbaan Taayitaa nyaataa fi To’annoo Qorichaa waliin ta’uun hordoffii fi to’annoo taasiisaniin kutaa magaalaa Addis Katamaa, Qiirqoos, Nifaas Silk Laaftoo fi Kolfee Qaraaniyyootti meeshaaleen nyaataa kunneen to’atamuu ibsameera.

Dhadhaan Kiiloo Giraamni kumni 3, Barbareen Kuntaalli 48, mi’eessituun Dhadhaa Kiiloo Giraamni kumni 1, Dammi Kiiloo Giraamni 600 wantoota farra fayyaa namaa ta’an waliin makamuun gabaaf dhiyaachuuf turan dhaabbilee daldalaa kanneen keessatti harkaa fi harkatti to’atamuu ibsameera.

Wantoonni oomishaalee nyaataa kanneenitti makaman kunneen maal akka ta’an adda baasuuf Samuudaan fudhatamee qoranoof ergamuu ragaan Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.