Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee daldalaa oomishaalee nyaataa wantoota fayyaa namaa miidhan waliin makanii gurguran 24 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Caamsaa 30, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Dhaabbilee daldalaa oomishaalee nyaataa wantoota fayyya namaa miidhaan waliin makanii gurguran 24 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaalee Ityoophiyaa beeksiseera.
Ityoophiyaatti yeroo adda addaa dhaabbileen tokko tokko bu’aa hin malle argachuuf jecha oomishaalee nyaataa wantoota fayyaa namaa miidhan waliin makuun gabaaf dhiyeessuun sodaa guddaa ta’uu Abbaan Taayitichaa ibseera.
Keessattuu oomishaaleen akka Dhadhaa, Buddeennii, Dammii fi Barbareen isaan adda duree ta’uu himameera.
Ayyaana Faasikaa darbe sababeeffachuun hordoffii fi to’atannoo taasiifameen magaalaa Finfinneetti Dhaabbilee daldalaa oomishaalee nyaataa wantoota fayyya namaa miidhaan waliin makanii gurguran 24 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibseera.
Maddi:- TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.