Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee daldalaa seera cabsan kuma 1 fi 973 irratti tarkaanfiin fudhatame – Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC) – Dhaabbilee daldalaa seera daldalaa cabsan kuma 1 fi 973 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

 

Magaalaa Finfinneetti haala waqtaawaa biyyaa bu’ura godhachuun koreen adeemsa daldalaa to’achuuf hunda’e raawwii isa har’a gamaaggameera.

 

Kutaalee bulchiinsa magaalichaa hundatti dhiyeessii oomishaa, raabsaa, walga’iinsaa fi tarkaanfii fudhatame iratti mariin gaggeeffamuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni muul’isa.

 

Hogganaan Biiroo Daldalaa magaalaa Finfinnee obbo Abduulfattaa Yesuuf akka eeraniitti dhaabbilee daldalaa kuma 48 irratti too’annoon gaggeeffameera.
Too’annoo taasiifameen dhaabbilee eeyyama daldalaa ala daldalaa jiran, sababa tokko malee daballii gatii taasiisan, oomisha dhoksuun kuusan, qulqullina oomishaa hir’isanii fi seera daldalaa garagaraa raawwatan kuma 1 fi 973 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.
Kuusawwan eeyyama malee oomisha kuusuurratti bobba’an 113 irrattis tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatamuu obbo Abduulfattaan dubbataniiru.
Hojiin hordoffii fi too’annoo eegalame cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.