Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee fayyaa garee Shororkeessaa ABUT’iin barbadaa’an hojiitti deebisuuf hojjetamaa jira- Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Fulbaana 16, 2014 (FBC)- Dhaabbilee fayyaa garee Shororkeessaa ABUT’iin barbadaa’an hojiitti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Liyaa Taaddasaa ibsaniiru.

Dhaabbilee fayyaa naannoo Amaaraa fi Affaaritti garee shororkeessaa ABUT’iin barbadaa’an gara hojiitti deebisuu fi tajaajila fayyaa lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif qaqqabsiisuuf mootummoota naannolee waliin hojjetamaa kan jiru ta’uu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Jilli Dooktar Liyaan durfamu Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Yuunvarsiitii Gondaritti qaamolee nageenyaa waldhaansa fayyaa hordofaa jiran daawwateera.

Dhaabbilee fayyaa miidhaan irra gahe kanneen mootummaa federaalaa fi naannolee akkasumas deeggarsa dhaabbilee tumsitootaa idil addunyaan tajaajila fayyaa bu’uuraa mijeessuuf hojiin jalqabuu ibsaniiru.

Hospitaalichi qaamolee nageenyaa waldhaansa fayyaa hordofaa jiraniif deeggarsa yaalaa barbaachisaa ta’e kan kennu ta’uu Preezdaantiin Yuunvarsiitii Goondar Dooktar Asraat Atsedawayin ibsaniiru.

Yuunvarsiitichi dhaabbilee fayyaa naannichaa garee shororkeessaa kanaan barbadaa’eef deeggarsa qorichaa fi meeshaalee waldhaansa fayyaaf oolan kan Birrii miiliyoona 2.5 tilmaamamu deeggarsa taasisuu isaa ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.