Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee gochaa seeraan alaa raawwatan irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Bitootessa 14, 2012 (FBC) – Dhaabbilee daballii gatii hin malle taasisan, oomisha qulqullina isaa hin eeggannee fi maddisaa hin beekamne gurguraa turan irratti tarkaanfiin fudhatame.

Abbaan Taayitaa Bulchiinsaa fi To’annoo Nyaata, Dawaa fi Kunuunsa Fayyaa Finfinnee akka beeksisetti, dhaabbilee kuusaa qorichaa gochaa akkanaa raawwachaa turan 37 irratti tarkaanfiin saamsaa fudhatameera.

Dhaabbilee 24f ammoo akeekkachiisni kennameera.

Dhaabbileen kanneen oomishaalee weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf gargaaran irratti gatii dabaluudhan gurguraa kan turanidha.

Oomishaalee qulqullina isaanii hin eeggannee fi maddi isaanii hin beekamnes gabaadhaf dhiyeessaniiru.

Dhaabbilee kuusaa qorichaa magaalaa Finfinnee keessatti argaman 940 keessaa 725 irratti to’annoon gaggeeffameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.