Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee miidiyaa amantaaf Wiixata irra eegalee eeyyamni tamsaasa ni kennama – Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Dhaabbilee miidiyaa amantaaf Wiixata irra eegalee eeyymni tamsaasa kan kennamu ta’uu Abbaan Taayitaa Midiyaalee Ityoophiyaa beeksise.
Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa, Wixinee qajeelfama Raadiyoo fi Teeleeviizyinii Amantaa irratti abbootti amantaa fi hogantoota miidiyaa amanata walin Finfinneetti mari’ateera.
Jijjiirrama as dhaabbilee amantaafis akkuma miidiyaalee birootti bu’ura qajeelfamaatiin eeyyamni kenname fi akka hojjatan murtaa’uu Daayrektarri Abbaa Taayitaa Midiiyaalee Ityoophiyaa obbo Mahammad Idriis ibsaniiru.
Yeroo ammaa Raadiyoo fi Tv’n dhaabbilee amantaa 50 ol jiraachuu fi miidiyaaleen amantaa duudhaa gaarii amantichaa babal’isuun cinatti tokkummaa biyyaa fi waliin jireenya ummataa cimsuuf hojjechuu qabus jedhan.
Dhaabbileen miidiyaa amantaa akkuma dhaabbilee miidiyaa kanneen birootti dambii itti bulmaataa qopheessuun bu’uura qajeelfamaan akka hojjatanif wixinee qajeelfamaa qophaa’uu eeraniiru.
Minichil Azzazaatu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.