Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen barnoota olaanoo kalaqaaf xiyyeeffannaa kennuu qabu-Aadde Mufaariyaat Kaamiil

Finfinnee, Fulbaana 20, 2015 (FBC)- Dhaabbileen Barnootaa Olaanoo kalaqaafi hojiilee kalaqaa haaraaf xiyyeeffannaa addaa kennuun hojjechuu qabu jechuun Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil ibsan.

Kalaqaa fi hojiilee kalaqaa irratti kan xiyyeeffate waltajjiin marii Magaalaa Baahirdaaritti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Aadde Mufaariyaat akka jedhanitti, hojmaata teeknooloojii haaraa maddisiisuuf hojiilee kalaqaa fi hojii uumtotaaf xiyyeeffannaan kennamuu qaba.

Mootummaan dhaabbataa damecha hogganu hundeessuurraa eegalee imaammata bocuu fi tarsiimoowwan hojiirraa oolmaa wixineessuun kalaqaa fi hojii uumtota deeggaruuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Yeroo ammaas Dhaabbileen Barnoota Olaanoo kalaqootaa haaraa jajjabeessuuf xiyyeeffannaa addaa kennuun guddinaa biyyaa saffisiisuuf akka hojjetaniif carraalee gaariin uumamuu ibsaniiru.

Dhaabbileen hojiilee eegalan fuuldurattis cimsuun xiyyeeffannaa kennuun hojjechuu akka qaban akeekaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.