Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Buna oomishanii fi dhiyeessan 7 Waldaa hundeessuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC) –Dhaabbileen Buna oomishuu fi dhiyeessuu irratti bobba’an 7 ‘Waldaa Buna Ityoophiyaa’ jedhamu hundeessuuf waliigaltee mallatteessuu ibsameera.
Dhiyeessitoonni fi oomishtoonni Buna Oromiyaa, Oomishtoonni Buna Ityoophiyaa, dhiyeesitoonni Buna Sidaamaa, dhiyeesitoonni Buna naannoo Kibbaa, Ergitoonni Buna Ityoophiyaa fi dhaabbileen Buna Dubartootaa Waliigalticha mallatteessuu ibsameera.
Kaayyoon hundeeffama waldichaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuu, bunni Ityoophiyaa gabaa addunyaarratti fudhatama akka argatu taasiisuu fi qonnaan bultoota deeggaruu fi fayyadamoo taasisuu ta’uu himameera.
Dabalataanis daldala seeraan alaa hambisuudhaan qindoominaan hojjechuuf shoora olaanaa kan qabu ta’uu ibsameera.
Walitti dhufuun dhaabbilee kanneenii faayidaa guddaa kan qabu ta’uu Itti aanaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Ityoophiyaa obbo Shaafii Umar ibsaniiru.
Waggoota sadan darbanitti filannoowwan gabaa bal’isuun hojii hojjetameen jijjiirramni gaariin dhufuu ibsuun, bara baajataa darbe galiin Doolaarri miiliyoonni dhibba 9 ol argamuu obbo Shaafiin Ibsaniiru.
Preezdaantiin ergitoota Buna Ityoophiyaa obbo Dassaaleny Janaa gama isaaniitiin walitti dhufuun waldalee kanneenii oomishaa fi oomishtummaa guddisuu keessatti ga’ee guddaa akka taphatu ibsaniiru.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.