Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen deeggartoota misoomaa Oomisha Qonnaa Afrikaa guddisuuf Doolaara biiliyoona 30 tumsa taasiisuufi

Finfinnee, Amajjii 20, 2015 (FBC) – Dhaabbileen deeggartoota Misoomaa idil addunyaa Oomisha Qonnaa Afrikaa guddisuuf Doolaara biiliyoona 30 tumsa taasiisuuf waadaa galaniiru.

Yaa’iin Nyaata Afrikaa 2ffaan Dhaabbilee deeggartootaa misoomaa idil addunyaa hirmaachise Seenegaal Magaalaa Daakaaritti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Xumura yaa’ichaarratti Dhaabbilee deeggartoota misoomaa Idil Addunyaa Oomisha qonna Afrikaa guddisuuf tumsa kan taasiisan ta’uu ibsaniitu.

Hojiirra oolmaa isaaf Doolaara biiliyoona 30 deeggarsa taasiisuuf waadaa galaniiru.

Kana keessaa Doolaarti biiliyoonni 10.5 Baankiin Misoomaa Afrikaa deeggarsa taasiisuf waadaa galeera.

Baankiin misoomaa Islaamummaas Doolaara biiliyoona 5 laachuuf waadaa galeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.