Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Faayinaansii yeroo kamiiyyuu caalaa nageenya Saayibariif xiyyeeffaanoo laachuu qabu jedhame

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (FBC) – Dhaabbileen Faayinaansii yeroo kamiiyyuu caalaa nageenya Saayibariif xiyyeeffaanoo laachuu akka qaban ibsame.
Ejansiin Nageenya Infoormeeshii Ityoophiyaa Baankii Biyyaalessaa Ityoophiyaa waliin ta’uun hoggantoota olaanoo dhaabbilee Faayinaansiif nageenya saayibariitti leenjii hubannoo cimsuu laataniiru.
Sonni Saayibarii yeroo yeroon waan jijjiirramuuf dhaabbileen Faayinaansii damichaaf xiyyeeffaannoo laachuun haleellaaf akka hin saaxilamne hojjechuu akka qaban bulchaan Baankii Biyyaalessa Ityoophiyaa Dooktar Yinnaagar Dasseen ibsaniiru.
Haleellaan osoo hin qaqqabiin dursanii ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Haleellaa dhaabbilee Faayinaansiirra ga’u ittisuuf qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuu qabu jedhan.
Baankoonni hojmaata sirrii fi damichaan humna namaa ga’umsa qabu horaachuu fi teeknooloojii isaanii ariitiin sakatta’uun bu’uuraalee misoomaa ga’umsa qaban ijaaruu akka qaban Dooktar Yinnaagar ibsaniiru.
Dhaabbileen Faayinaansii haleellaa Saayibariif daraan saaxilamoo ta’uu isaanii hubachuun nageenya isaaf xiyyeeffannoo addaa laachuu akka qaban Daayreektarri olaanaan Ejansii Nageenya Infoormeeshii Ityoophiyaa Dooktar Shumatee Gizaw dubbataniiru.
Leenjichi maalummaa Saayibarii, Amalaa fi dhimmoota nageenya Saayibarii biroorratti xiyyeeffachuun laatameera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.