Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Faransaay Ityoophiyaa keessaatti hojii misoomarratti hirmaachuu barbaadu- Ambaasaaddar Reemii Marchaaw

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2013 (FBC) – Dhaabbileen Faransaay hedduun isaanii Ityoophiyaa keessaatti damee invastimanti garaagaraa irratti bobba’uu akka barbaadaan Ityoophiyaatti ambaasaaddarri Faransaay Reemii Marchaaw ibsaniiru.

Ambaasaaddar Reemii Marchaaw yeroo ammaa kana dhaabbileen Faransaay Ityoophiyaa keessaatti hojii invastimantii garaagaraarratti bobba’aanii jiran 55 qaqqabuu ibsaniiru.

Dhaabbileen kunneen misooma humna bishaanii fi hurkaa akkasumas damee oomishaarratti bobba’aanii akka jiran ibsaniiru.

Kanarra darbees dhaabbilee kun Ityoophiyaa keessaatti loojistikii, humnaa fi damee telekoom irratti hojjeechuuf fedhii akka qaban ibsaniiru.

Imbaasichi misoomsitoonni hedduun gara Ityoophiyaa akka dhufaaniif maloota garaagaraatti fayyadama jiraachuu Ambaasaaddar Reemii Marchaaw eeraniiru.

Akka fakkeenyaattis sagantaan mata duree ‘Ergama Afrikaa’ jedhuu baatii Sadaasa keessaa akka gaggeeffamu dubbataniiru.

Baatii Amajjii ammoo sochiiwwan hedduun gamtaa oomishtoota Faransaay gara Ityoophiyaa fiduun daawwannaa akka taasisaan ibsaniiru.

Bara darbee preezdaantii Faransaay Imaanuu’eel Maakroon daawwannaa Ityoophiyaatti taasisaan hariiroo biyyoota lameenii caalmaatti cimsuu dubbataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.