Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Fayyaa miidhaman tajaajila akka eegalan proojektiin Birrii miiliyoona 43 qophaa’e

Finfinnee, Amajjii 14, 2014 (FBC) – Naannoo Amaaraa, Afaarii fi Beenishaanguul Gumzutti dhaabbilee Fayyaa miidhaman tajaajila eegalchiisuuf proojektiin Birrii miiliyoona 43 qophaa’uu Ministeerri Fayyaa beeksiise.
Sagantaan eegalchiisuu Proojektichaa Hoteela Hiiltoonatti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Proojekticha Waldaa Qajeelchaa Maatii Ityoophiyaa, Ministeera Fayyaa fi dhaabbilee deeggartootaa biroon kan waliin qopheessan ta’uu ibsameera.
Sagantaa kanarratti Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa fi hoggantoonni olaanoon Waldaa Qajeelchaa Maatii Ityoophiyaa argamuu ibsameera.
Dhaabbilee fayyaa sababa waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruun dirqama mootummaa qofa osoo hin taane hirmaannaan hawaasaa fi dhaabbilee deeggartootaa barbaachisaa ta’uu Dooktar Darajjeen saganticharratti ibsaniiru.
Qiddisti Abaateetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.