Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen geejibaa Anbassaa fi Shaggar meeshaalee qulqullina harkaa ni dhiyeessu- Injiinar Taakkalaa

Finfinnee, Bitootessa 7, 2012 (FBC) – Dhaabbileen geejiba magaalaa Finfinnee Anbassaa fi Shaggar meeshaalee qulqullina harkaa kan dhiyeessan ta’uu Injiinar Taakkalaa Uumaan beeksisan.
 
Tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an fudhachuu eegaluu bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksiseera.
 
Haaluma kanaan magaalichatti manneen barnootaa yeroof akka cufaman, sosochiiwwan ispoortii fi waltajjiiwwan ummataa akka dhaabbatu murtaa’uu itti aanaan kaantibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan ibsaniiru.
 
Dhaabbanni Tajaajila Awtoobisii Magaalaa Finfinnee Anbassaa fi Shaggar har’aa eegalee keemikaalota qulqullina harkaa imaltootaf qopheessuu ibsuun, tajaajilamtoonni hundi akka itti fayyadaman ergaa dabarsaniiru.
 
Sababa kanaan dhaabbilee fi daldaltoota daballii gatii taasisan to’achuuf koreen hundaa’e hordoffii taasisaa jiraachuus ibsaniiru.
 
Jiraattota harka qalleeyyiif deeggarsi barbaachisu godhamuu akka qabu Injiinara Taakkalaan waamicha dhiyeessaniiru.
 
Fayyummaa jiraattota magaalichaa eeguuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Injiinar Taakkalaan eeruun, jiraattonnis dirqama irraa eegamu ba’uu akka qaban fuula Feesbuukii isaanitiin ergaa dabarsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.