Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen idil addunyaa hojiilee diijitaalaa Ityoophiyaa akka deeggaraniif waamichi dhiyaate

Finfinnee, Caamsaa, 2014 (FBC) –Ityoophiyaan hojiilee Diijitaalaaf haala mijataa uumaa waan jirtuuf dhaabbileen Idil-addunyaa damicha akka deeggaraniif waamichi dhiyaateera.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan Ityoophiyaan hojiilee Diijitaalaaf haala mijataa uumaa jiraachuu eeruun,dhaabbileen idil-addunyaa damichaaf deeggarsa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

Foyya’insi damee Telekoomiin eegalame hojiirra oolmaa teeknooloojii diijiitaalaaf ga’ee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Yaa’iin Innooveeshinii Diijitaala Afrikaa 19ffaan qopheessummaa Ityoophiyaan guyyoota lamaaf Magaalaa Finfinneetti taa’amaa ture xumurameera.

Yaa’ichi qabiyyee fi tajaajila diijitaalaa irratti xiyyeeffatee taa’amaa kan ture yoo ta’u, yaa’icha irratti dhaabileen 26 ol fi hirmaattonni biyyoota garaagaraa 390 ol argamaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.