Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen invastimantii nageenya naannoo eeganii akka hojjetan dhaamame

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2012 (FBC) – Dhaabbileen invastimantii nageenya naannoo eeganii akka hojjetan dhaamame.

Naannoo Oromiyaatti dhaabbileen gosoota invastimantii adda addaarratti bobba’an, seera labsii invastimantii eeganii akka hojjetan dhaamameera.

Aanga’oonni mootummaa naannoo Oromiyaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo fi Jijjiirama Qilleensaa Dooktar Nagarii Leencotiin duurfamu sochii invastmantii godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti argaman dawwataniiru.

Aanaa Lumeetti dhaabbilee invastimantii abaaboorratti boba’an; Flooransiis Abisiiniyaa Faarm, Duumeen Ooreenjii fi Daasaa daawwatamaniiru.

Dawwii kanarratti kanargaman itti aanaan daayreektara abbaa taayitichaa obbo Boonsaa Yaaddeessaa dhaabbilee invastimantii hojjettoota dhaabbatichaa fi hawaasa naannoorratti miidhaa geessisaa jiran seera labsii danbii invastimantii hin hordofnerratti tarkaanfii akka fudhatan himaniru.

Dajanee Gonfaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.