Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Ityoophiyaa bu’aa kalloo fi uffataarratti bobba’an Warshaa guddaa Sudaanitti argamu daawwatan

Finfinnee, Amajjii 21, 2013 (FBC) – Dhaabbileen Ityoophiyaa bu’aa kalloo fi uffataarratti bobba’an Warshaa guddaa Uffataalee Sudaanitti argamu daawwachuu isaanii ibsame.
Dhaabbileen Ityoophiyaa bu’aa kalloo fi uffataarratti bobba’an agarsiisaa daldalaa idil addunyaa 38ffaa irratti hirmaatan Warshaa guddaa Uffataalee Sudaan naannoo Soobaa jedhamutti argamu daawwataniiru.
Kubbaaniyyichi meeshaalee dheedhii Hindii fi biyyoota biroo galchuun kan itti fayyadamu ta’uu ibsameera.
Dhaabbileen Ityoophiyaa muuxxannoo hojii damichaaf tajaajilu daawwannichaa argachuu ibsuu isaanii ragaan Sudaanitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Yeroo itti aanu haala waloon hojjechuun danda’amurrattis marii taasiisaniiru jedhame.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.