Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen miidiyaa fi ogeessonni miidiyaa rakkoo Ityoophiyaa yeroo ammaaf  hojii furmaata ta’uu hojjechuu qabu jedhame

Finfinnee, Sadaasa 20, 2014 (FBC) – Dhaabbileen miidiyaa fi ogeessonni miidiyaa rakkoo amma Ityoophiyaan keessa seenteef bifa furmaata ta’uu danda’uun ulaagaa ogummaa gaazexeessummaa osoo hin dagannee Ityoophiyaa itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon hojjechuu qabu jedhan ogeessonni miidiyaa.

Rakkoo amma biyyattiin keessa jirtuu fi akkaataa ogummichi ajajuun wal qabatee odeeffannooleen iccitiin qabamuu qaban kan akka dhimma nageenya biyyaan wal qabatan akka laayyootti yoo qilleensarra oolan mul’achaa jiraachuu Yuunvarsiitii jimmaatti barsiisaa Miidiyaa fi kominikeeshinii kan ta’an Dooktar Dammallaash Mangistuu kaasaniiru.

Gochaawwan kunneen dogongoraa fi biyya rakkoo hamaaf saaxiluu danda’u waan ta’eef mootummaan qaamolee hojii akkasii hojjetan  irratti tarkaanfii fudhachuu qaba jedhaniiru.

Yuunivarsiitii Baahirdaaritti barsiisaa gaazeexeessummaa fi kominikeeshinii kan ta’an Dooktar Adam Caannee gamasaaniitiin, biyyi dhimma paartii tokkoo qofa osoo hin taane hirmaannaa lammiilee hundaan kan ceetu waan ta’eef dhaabbileen miidiyaa fi ogeessonni odeeffannoo fedhii biyyaa xiyyeeffannoo keessa galchan qofa gabaasuun dirqama isaanii bahuu qabu jedhan.

Yeroo rakkooleen akka kanaan mudatan odeeffannooleen gama kutaa odeeffannoo tokko qofaan akka tatamsa’an godhama kan jedhan ogeessonni kunneen biyya keenyaattis kun hojiirra ooluu akka qabu turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin ibsaniiru.

Afawarq Alamuutiin

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.