Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen nageenyummaa saaybarii isaanii eeggachuuf yaadota furmaata fudhachuu qaban

Finfinnee, Sadaasa 7, 2013 (FBC0- Dhaabbileen nageenyummaa saaybarii isaanii eeggachuuf yaadota furmaata fudhachuu qaban Eenjansiin Nageenya Infoormeeshinii ifoomseera.

Ragoonni dhiheenyatti ba’an akka mul’dhisannitti yoo ta’e, damee kaminiyyu, dhaabbilee guddaas ta’ee xiqqaa bakka kamittu argaman caarraan haleellaa saaybariif saaxilamoo ta’u isaanii olaanaa akka ta’e ni muul’dhisa.

Ta’us dhaabbileen haleellaa saaybarii ittisuuf yaadota furmaata fudhachuu qaban keessaa:-

-Imaammataa fi tarsiimoo nageenya saaybarii kalaquu fi hojiirra oolchu

-Sagantaawwan garagaraa bulchiinsa sodaa nageenya saaybarii, balichaa deebisanii dandamachuu fi itti fufinsaan kalaquu fi hojiirra oolchu.

-Kutaan hojii sodaa saaybarii akka walitti hin buneetti hundeessu.

-Teeknooloojii barrii hojii isaanii dhumatee jijjiiruu fi ammayyeessu.

– Dhaabbataatti haala saaybarii ittisu hojirraa oolchuu ta’uu ragaan Eejansicharra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.