Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen qajeelfama vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’e darban adabaman

Finfinnee, Bitootessa 26, 2012 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Shaashamannee dhaabbilee qajeelfama vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’e darban adabuu beeksise.
 
Dhaabbilee qajeelfama kana darban kanneen akka, manneen Shishaa, shubbisa galgalaa fi mana Jimaa 565 irratti tarkaanfii fudhachuu bulchiinsi magaalichaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif himeera.
 
Dabalataan bulchiinsi magaalichaa iddoolee ummata vaayrasichaaf saaxiluu danda’an Manneen Puulii, Filmii fi DSTV 124 cufuu isaa ibseera.
 
Akkasumas daldaltoota oomisha dhoksanii fi Faarmaasiiwwan qajeelfama darban 67 fi manneen Hoofcoo 10 saamsamuun ibsameera.
 
Magaalichaatti sababa weerara vaayrasii koroonaan sochii daangeeffameef jiraattoonni harka qaleeyyii fi humna hin qabne akka hin miidhamneef deeggarsa gochuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
 
Hanga ammaattis namoota rakkatan 511f deeggarsi kan taasifamee yoo ta’u, namoota 110n itti fufiinsaan deegaruuf adda foo’amaniiru jedhame.
 
Magaalichaatti koreen vaayrasii koroonaan ittisuuf hundaa’e hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuus ibsameera.
 
Oduu walfakkaatuun bulchiinsi magaalichaa vaayrasii koroonaan ittisuuf daandiiwwan gurguddoo irratti keemikaala biifera jedhame.
 
Bulchiinsi magaalichaa tatamsa’ina weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf labsii mootummaan naannoo fi biyyaaleessa baase hojiirra oolchaa kan jiru yoo ta’u, giddugala gabaa fi bakka namoonni itti heddummatu cufamuu isaa beeksiseera.
 
Oduu biroon Miseensonni Qajeelcha Poolisii magaalichaa Vaayrasii Koroonaa ittisuuf mindaa isaanii ji’aa irraa harka 10 gumaachaniiru.
 
Walumaagalatti miseensonni poolisii aanaa sadii qarshii kuma 100 fi kuma 3 ol gumaachaniiru.
 
Magaalichaatti sochiiwwan geejjibaa erga daanga’ee as kanneen seeraan ala socho’an Mootaroonni 200, baajaajiiwwan 50 fi taaksii fi konkolaataan geejjiba ummataa 8 , akkasumas gaariin 15 adabamaniiru
 
Getaachaw Mul’ataatu gabaase.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.