Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa taasisan

Finfinnee, Bitootessa 10, 2012 (FBC) – Dhaabbileen garaagaraa tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa meeshalee qulqulliinaa taasisaniiru.

Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa hojii vaayirasii koroonaa ittisuuf hojjetamu tumsuuf Birrii miiliyoona 10 Ministeera Fayyaa FDRIf deeggarsaan laatera.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti tamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf dhaabbileen garaagaraa deeggarsa meeshaalee ququllinaa kuma 6 ol taasisuu bulchiinsichi beeksiseera.

Waldaan Fannoo Diimaa Ityoophiyaa barakiinaa kuma 5, saamunaa uffata 1048 akkasumas saamunaa qaamaa kuma 6 fi dhibba 4 fi 52 taasiseera.

Staar Saamunaa fi Diitarjantiin meeshalee qulqulliinaa 720 bulchinsa magaalichaaf kennneera.

Magaalaa Finfinneetti tamsa’ina vaayrasiichaa ittisuuf tola ooltoota garaagaraa fi qaamoolee ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Waajjirrii Prees Sakreetaarii magaalichaa beeksiseera.

Magaalichatti Biiroon Qindeessaa Dargaggootaa fi Tola Ooltotaa Giddugala Agarsiisaatti bifa deeggarsaan hojii meeshaalee qulqullinaa walitti qabuu hojjachaa jira.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.