Fana: At a Speed of Life!

Dhagaan bu’uuraa ijaarsa giddugala yaala dhibee Kaansarii IGAD Finfinneetti kaa’ame

Finfinnee, Eebila 11, 2013 (FBC) – Mootummoonni Misoomaa Baha Afrikaa dhagaa bu’uuraa giddugala yaala dhibee Kaansarii naannichaa Finfinneetti kaa’’eera.
Giddugalli kun Doolaara miiliyoona dhibba 5 kan ijaarramu yoo ta’u, magaalaa Finfinnee naannoo Booleetti dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ijaarsa giddugalichaaf lafa Kaaree Meetira kuma dhibba 2 deeggarsa taasiisuu ibsameera.
Gidduugalli yaala dhibee Kaansarii naannoo Baha Afrikaa kun murtoo IGAD bara 2012 dabarseen kan hundaa’e yoo ta’u, sadarkaa idil addunyaatti yaala dhibee Kaansarii ittisuuf tattaaffii taasiifamuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhamee eeggama.
Tajaajila yaala dhibee kaansarii sadarkaa idil addunyaa eeggate kan laatuu fi naannichatti giddugala yaala dhibichaa adda duree akka ta’uuf karoorfamee proojektii hojjetamu ta’uu ibsameera.
Sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti Barreessaa olaanaa IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoo, itti aantuu Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, Ministira Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaa dabalatee bakka buutoonni miseensa biyyoota mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa argamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.