Fana: At a Speed of Life!

Dhalattoonni Ityoophiyaa fi Ityoophiyaannoonni Mineesootaa fi giddugala lixaa jiraatan Hidha Haaromsaa Guddichaaf deeggarsa doolaara kuma 40 taasisan

Finfinnee, Eebila 11, 2013 (FBC)- Dhalattoonni Ityoophiyaa fi Ityoophiyaannoonni Mineesootaa fi giddugala lixaa jiraatan ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichaa Ityoophiyaaf deeggarsa doolaara Ameerikaa kuma 40 taasisaniiru.

Koreen qindeessaa deeggarsa Hidha Haaromsaa Guddichaa Ityoophiyaa marsaa 2ffaan deeggarsa Doolaaraa Ameerikaa kuma 40 walitti qabu ibseera.

Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichaaf deeggarsa walitti qabuun cinatti filatamtoota mana maree Ameerikaa waliin ta’uun hojiiwwan dippiloomaasii faayidaa biyyaa kabajiichisuu hojjechaa jirachuu ibsmeera.

Mineesootaatti Qonsiilaan waliigalaa FDRI Ambaasaaddar Abdullaaziiz Mahaammad, dhalattoonni Ityoophiyaa fi Ityoophiyaannoonni Mineesoottaa fi giddugala lixaa jiraatan hidha haaromsaa guddichaaf qabeenyaa walitti qabuun himaniiru.

Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birtukaan Ayaanoo, deeggarsa diiyaaspooraan taasisee galateeffachuu ragaan Eejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.