Fana: At a Speed of Life!

Dhalattoonni aanaa Jimmaa Arjoo harka qalleeyyii 460f deeggarsa taasisan

Finfinnee, Adooleessa 26,2012 (FBC)- Dhalattoonni aanaa jimmaa Arjoo harka qalleeyyii 460f deeggarsa taasisaniiru.

Dhalatoonnii kunneen waamichaa ‘lammiin lammiif’ jedhuun Birrii kuma dhibba 3 fi kuma 79 walitti busuun harka qalleeyyii 460 ta’aanif deeggarsa midhaan nyaataa, zaytaa, samuuna taasisaniiru.

Deeggarsichaan  dhaabbileen fayyaa haammatamaniiru.

Hospitaalaa fi buufata fayyaa magaalaa Arjoof meeshaalee ittisaa vaayrasii koroonaa olaan alkoolii, saanitaayizaaraa, haguugduu afaanii fi funyaanii fi uffannaa ogeessa fayyaa ooluu arjoomaniiru.

Yidneqachaaw Haayilamaariyamtu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.