Fana: At a Speed of Life!

Dhalattoonni Tigraay magaalaa Finfinnee jiraatan boru hiriira balaaleffannaa garee shororkeessaa ABUT gaggeessuufi

Finfinnee, Sadaasa 25, 2014 (FBC) – Dhalattoonni Tigraay magaalaa Finfinnee jiraatan guyyaa boru hiriira gocha  garee shororkeessaa ABUT balaaleffatu  gaggeessuuf ta’uu ibsame.

Qindeessitoonni hiriirichaa ibsa har’a laataniin  gochi garee Shororkeessaa ABUT dargaggoota Tigraay gaaga’aa jiraachuu ibsaniiru.

Gareen kun waggoottan 27 maqaa uummata Tigraayiin daldaluu fi uummaticha kan bakka hin buune ta’uu kaasaniiru.

Dargaggoonni garichatti makamanii jiran Raayyaa Ittisa Biyyaatti harka akka kennan waamicha taasisaniiru.

Hiriira guyyaa boruu gaggeeffamuunis gocha garee shororkeessaa kanaa kan balaaleffatan ta’uu eeraniiru.

Hiriirichi sa’aatii 12:00 irraa eegalee Istaadiyoomii Abbabaa Biqilaatti kan geggeeffamu ta’uu ibsameera.

Taarikuu Waldasanbatitu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.