Fana: At a Speed of Life!

Dhaloota cimaa egeree biyyattii murteessuu danda’u horachuuf hanqina sirna barnootaa furuun murteessadha – Proofeesar Birihaanuu Naggaa

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Dhaloota beekkumsaan ga’oomee fi hamilee jabaan egeree biyyattii murteessuu danda’u horachuuf sirna barnootaa suphuun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Birihaanuu Naggaan ibsan.
Proofeesar Birihaanuun waggoota shanan itti aanaan dhimmoota qulqullina barnootaa mirkaneessuu danda’anirratti hawaasa Yuunvarsiitii Waachaamoo waliin mari’ataniiru.
Hanqinni qulqullina barnootaa kufaatii biyyattiif sababa ta’uu akka danda’u kaasaniiru.
Kana dura dhaabbilee barnootaa babal’isuun ala qulqullina barnootarratti hojiin hojjetamaa ture laafaa ta’uu isaan hanqina qulqullina barnootaaf sababa ta’uu ibsaniiru.
Dhaloota beekkumsaan ga’oomee fi hamilee jabaan egeree biyyattii murteessuu danda’u horachuuf sirna barnootaa suphuu keessatti qaamni hundi qooda irraa eegamu ba’uu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Waggoottan shanan itti aanaan qulqullina barnootaa mirkaneessuuf murtoowwanii fi kallattiin kaa’aamuu himuu isaanii Dhaabbanni Raadiyoo fi Teeleeviizhinii naannoo Kibbaa gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.