Fana: At a Speed of Life!

Dhibee busaa bara 2030’tti Ityoophiyaa keessaa guutumman guutuutti balleessuuf hojjetama jira-Dooktar Liyaa

Finfinnee, Eebila 17, 2013 (FBC)- Dhibee busaa bara 2030’tti Ityoophiyaa keessaa guutuman guutuutti balleessuuf hojjechaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Guyyaan dhibee busaa Idil-adduunyaa Ityoophiyaatti yeroo 14ffaaf mata dure  ”busaa balleessuun anarraa jalqabaa” jedhuun kabajama.

Guyyaan kun kan kabajamu hojii dhibee busaa ittisuun, to’achuunifi balleessutiin deeggarsi mootummaa, ummataa fi dhaabbilee deeggartootaa itti fufaafi ciminaan akka jiraatu dandeessisuuf  yaadameti jedhameera.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan, dhibee busaa Bara 2030tti biyyaatti keessaa balleessuuf hojiiwwan garagaraa hojjetamaa jiru jedhaniiru.

Baatiiwwan saglan darban hojiiwwan to’annoo ilbiisa busaa cimsuuf saaphana siree miiliyoona 5 ol raabsuun lammiilee miiliyoona 10 ta’an saaxilamummaa dhibee busaarraa olchuun danda’ameera jedhan.

Akka gabaasa EBCtti dhibee busaa balleessuuf deeggarsi qamoolee dhimmi ilaallatuu cimee akka itti fufuu Dooktar Liyaan hubachisaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.