Fana: At a Speed of Life!

Dhibee Busaa dhabamsiisuun hirmaannaa qaama hundaa gaafata – Dooktar Darajjee Dhugumaa

Finfinnee, Hagayya 25, 2014 (FBC) – Dhibee Busaa dhabamsiisuun hirmaannaa qaama hundaa kan gaafatu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ibsan.
Hojii Dhibee Bookee Busaa dhabamsiisuu fi Ittisuurratti hojjetamaa jiru ilaalchisee qooda fudhattoota waliin Magaalaa Bishooftuutti mariin gaggeeffameera.
Sadarkaa biyyaalessaatti Bookee Busaa dhabamsiisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Dooktar Darajjeen ibsaniiru.
Hoggansi Dhaabbilee Fayyaa qooda fudhattoota waliin ta’uun weerara Dhibee Bookee Busaa hir’isuu fi guutummaatti dhabamsiisuuf hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Dhibeen Bookee Busaa yoo hin dhabamsiifamne miidhaan Fayyaa, Diinagdee fi hawaasummaa qaqqabsiisu kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.
Miidhaa dhibichi qaqqabsiisuu hambisuuf qaamni hundi walta’iinsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Oromiyaatti tattaaffiin dhibee Bookee Busaa dhabamsiisuuf hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’uu itti aanaa Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa eeraniiru.
Iddoolee rakkoon nageenyaa jiranitti garuu ammallee dhibicha dhabamsiisuuf hojiileen dabalataa kan barbaachisan ta’uu dubbataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.