Fana: At a Speed of Life!

Dhibee HIV,Darannoo Sombaa fi Busaa ittisuuf Doolaarri biiliyoonni 14 ol walitti qabame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015 (FBC) – Fandiin Giloobaal Dhibee HIV,Darannoo Sombaa fi Busaa ittisuuf Doolaara biiliyoona 14 ol walitti qabuu beeksiise.

Maallaqni walitti qabamuuf karoorfame Doolaara biiliyoona 18 yoo ta’u, sababa Biriitaaniyaa fi Xaaliyaaniin deeggarsa taasiisan beeksiisuu dhabaniif karoorichi hin milkoofne jdhame.

Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon Yaa’ii 7ffaa Tumsa Fayyaa Hawaasaarratti haasawa taasiisaniin Ameerikaa, Jaappaan, Jarman, Kaanaadaa fi hoggantoota Gamtaa Awurooppaa waliin ta’uun dhibeewwan garaagaraa ittisuuf murannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Weeraroota balaafamaa ta’an ittisuuf hojii hojjetameen bu’aa hedduun argamuu kaasuun, ammas hojiilee hedduun kan hafan ta’uu eeraniiru.

Yeroo ammaa addunyaarratti lammiileen miiliyoonni 38.4 dhibee HIV,Darannoo Sombaa fi Busaa waliin kan jiraatan ta’uu dubbataniiru.

Afrikaa, Giddu gala Bahaa fi Laatiin Ameerikaatti facaatii dhibee Darannoo Sombaa fi Busaa daraan dabalaa dhufe ittisuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Karoora dhibeewwan kanneen bara 2030tti addunyaarraa dhabamsiisuuf qabame milkeessuuf hojiilee hedduu hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Fandiin Giloobaal bara 2002 kan hundaa’e yoo ta’u, hanga ammatti lubbuu namoota miiliyoona 50 baraaruu danda’uu ‘African News’ gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.