Fana: At a Speed of Life!

Dhibeen Maariyyee Jaldeessaa gara Ityoophiyaa akka hin seenneef hojjetamaa jira – Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa

Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Biyyoota tokko tokko keessatti mul’achaa kan jiru Dhibeen Maariyyee Jaldeessaa gara Ityoophiyaa akka hin seenneef hojiin ittisaa hojjetamaa jiraachuu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksise.

Dhibeen kun yeroo jalqabaaf Afrikaa Lixaatti kan muul’ate yoo ta’u, waggoota 50 booda biyyoota Lixaatti keessatti argamuu isaa ibsameera.

Dhibichi namoota vaayirasichaan qabamanii fi tuttuqaa beeyladaan daddarbuu akka danda’uu ragaaleen ni mul’isu.

Yeroo ammaa namoonni vaayirasichaan qabaman 92 ga’uu eerameera.

Dhibeen kun gara Ityoophiyaa akka hin seenneef hojiin of eeggannoo duraa hojjetamaa jiraachuu eereera.

Keessattuu hojiin hawaasaf hubannoo uumuu fi dursanii ittisuuf dandeessisu hojjetamuu eegaluu himameera.

Dhibichi yoo akka tasaa mul’ate haala salphaan to’achuuf dhaabbilee tajaajila geejjibaa, fayyadamtootaa fi ogeeyyii fayyaaf hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu Inistituutichi himeera.

Namoonni Maariyyee Jaldeessan qabaman jalqaba Hoo’ina qaamaa, Boyyoo mataa, dhukkubbii dugdaa, dhukkubbii Irree, darbee darbee dhiita’uu qaamaa fi fedhii waa hundaa dhabuun mallattoo agarsiisan ta’uu ibseera.

Dhibichi ofiin kan badu yoo ta’uu, guyyoota 14 hanga 21 namarra turuu akka danda’u ragaaleen ni mul’isu.

Hawaasni mallattoolee kanneen wayita argan gara dhaabbilee Fayyaa dhiyeenyaa isaanitti argamuu fi sarara bilbilaa bilisaa 8335 irratti bilbiluun beeksiisuu akka qaban hubachiiseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.