Fana: At a Speed of Life!

Dhibeen Maariyyee jedhamu Jaldeessarraa namatti darbu biyyoota Awurooppatti babal’achaa dhufuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 13, 2014 (FBC) – Dhibeen Maariyyee jedhamu Jaldeessarraa namatti darbu biyyoota Awurooppatti babal’achaa dhufuu Dhabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiise.
Hanga ammaatti biyyoota Awurooppaa keessatti namoonni 80 qabamuu dhaabbatichi gabaaseera.
Poorchugaalii fi Ispeen keessatti lammiileen 40 dhibichaan qabamuun akka hin oolle Abbaan Taayitaa To’annoo dhibee biyyoota kanneenii ifoomseera.
Vaayrasichi caalmaatti walquunnamtii saalaan daddarbuu akka danda’u ibsameera.
Ispeenitti namoonni dhibichaan 23 qabaman kanneen umrii dargaggummaarratti argaman ta’uu himameera.
Jarman, Faransaay, Ingilizii fi Ameerikaan dhibichi biyya isaanitti muul’achuu beeksiisuu isaanii CGTN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.