Fana: At a Speed of Life!

Dhibeewwaan daddarboo ittisuuf hirmaannaan hawaasaa barbaachisaadha- BEFO

Finfinnee, Sadaasa 15, 2015(FBC)- Dhibeewwaan daddarboo ittisuuf hirmaannaan hawaasa hundaa barbaachisaa tahuu Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa hubachiise.

Ittaanaan hogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaan, rakkooleen fayyaa dhibeewwan daddarboon uumamaa turan hir’atanii turuu yaadachiisuun yeroo ammaa xiyyeeffannaa dhabuu isaaniitiin akka haaraatti bifa weeraraan ka’aa jiraachuu himaniiru.

Dhibeewwan gifiraa, kaansarii fiixee gadameessaa,Pooliyoofi vaayirasii koroonaan dhibeewwan kanneen keessatti kan ramadaman ta’uu eeraniiru.

Dhibeewwan kunneen talaallii fudhachuun salphaatti ittisuun kan danda’amu ta’us sababa ilaalcha dogoggoraafi hanqina hubannootiin  babal’achaa dhufuu ibsaniiru.

Kunimmoo sochii hawas-diiinagdee biyyaa irratti dhiibbaa qabaachuu Daayireektarri Barnoota fayyaafi kominikeeshinii biirichaa sistar Sa’aadaa Ahimad eeraniiru.

Dhibeewwan kanneen ittisuuf ogeessoonni miidiyaa,aartiistonni,jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantaa hawaasa keessatti dhageettii qabaniin gahee isaanii bahachuu qabuu jedhaniiru.

Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.