Fana: At a Speed of Life!

Buufataaleen fayyaa 8 tajaajila wallaansa baqaqsanii yaaluu eegalan

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Dhiibbaa hospitaala motummaarra jiru hir’isuuf buufataaleen fayyaa 8 tajaajila wallaansa baqaqsanii yaaluu eegaluu isaanii Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinneetti daayreektarri tajaajila meedikaalaa aaddee Maahileet Girmaan akka himanitti, hoospitaala mootummaa 13 magaalaa Finfinnee keessa jirutti yaala foyya’aa argachuuf yaalamtoonni kutaalee biyyattii garagaraa irraa yaalamuuf dhufan tajaajiluun humnaa ol ta’eera jedhaniiru.

Dhiibbaa kana hir’isuuf ammoo bufataalee fayyaa magaalichaa keessatti argaman irratti ogeeyyota muuxannoo ga’aa qaban ramaduun hawaasni tajaajila fooyya’aa akka argatuuf tattaaffii ni goona jedhaniiru.

Kanuma irratti hundaa’uun buufataalee fayyaa magaalichaa 99 keessaa 8 tajaajila haadholii deessisuu fi yaala baqaqsanii wallaanuu akka laatan taasifneerra jedha aadde Maahileet.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.