Fana: At a Speed of Life!

Dhiibbaan gama Lixa Tigraayiin ulaan daddabarsaa haa banamu jedhu fudhatama hin qabu- Komiishinar Mitikkuu Kaasaa

Finfinnee, Adooleessa 27, 2013 (FBC )-Dhiibbaan gama Lixa Tigraayiin Ulaan daddabarsaa haa banamu jedhu fudhatama hin qabu jechuun Komiishnarri komiishiinii Qajeelcha hojii sodaa balaa biyyaalessaa Mitikkuu Kaasaa ibsaniiru.

Naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsa dhiyyeessuuf sababa jedhuun biyyoonni lixaa fi dhaabbileen isaanii tokko tokkoo gama Lixa Tigraayiin Ulaan daddabarsaa haa banamu jechuun dhiibbaan geessisaa jiran fudhatama akka hin qabne kaasaniiru.

Dhiyyeessiin deeggarsaas carraaqqii olaanaa mootummaa Federaalaa fi naannoo Affaariin ummata Tigraayi bira ga’aa jiraachuu himaniiru.

Sababa garee shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraa fi Affaar irratti dhiibbaa geessisa jiruun konkolattoonni meeshaalee deeggarsa fe’an 170 ol ukkamfamanii waan turaniif lammiileen naannichaatti deeggarsa barbaadan rakkoo hamaaf saaxilamaniirus jedhan.

Rakkoo kana akka carraa gaariitti fayyadamuun dhaabbileen biyyoota lixaa tokko tokkoo Sudaanirraa kallattiin deeggarsa galchuuf gama Lixa Tigraayiin ulaan daddabarsaa haa banamu jechuun gaaffii dhiyyeessuu Obbo Mitikkuun himaniiru.

Mootummaan lammiileef deeggarsa qaqqabsiisuuf kallattiin Jibuutii gahaa ta’uu hubachisuun kooridariin dabalataa akka hin banamne himaniiru.
Maddi:- DHPI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

May be an image of 1 person, sitting and text that says ‘እፕ Ethiopian Press Agency 80’

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.