Fana: At a Speed of Life!

Dhiibbaawwan Jabina uummataa, hirmaannaa diyaaspooraa fi dippiloomaasiitiin dandamannee rakkoo hamaan osoo hin qaqqabiin itti fufneerra-obbo Dammaqaa Makonnin

Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) –Dhiibbaawwan Jabina uummataa,hirmaannaa diyaaspooraa fi dippiloomaasiitiin dandamannee rakkoo hamaan osoo hin qaqqabiin itti fufneerra jedhan Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnin.

Obbo Dammaqaa Makonnin gabaasa raawwii karoora bara baajataa 2014 baatiwwan 9 darbanii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyeessaniiru.

Ministeerichi faayidaan biyyaalessaa Ityoophiyaa akka eegamuuf, birmadummaan biyyaa akka kabajamuuf, hariiroon alaa faayidaa waloo fi walqixxummaarratti hundaa’ee fi hojiileen maqaa gaarii biyyattii ijaaran hojjechuu gabaasa isaaniin eeraniiru.

Mirgi Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa biyya alaa jiraatanii akka eegamuuf hojiin dippiloomaasii lammiileerratti xiyyeeffate akkasumas hirmaannaa diyaaspooraa gama maraan cimsuurratti hojiilee baatiiwwan 9 darban hojjetaman irratti ibsa taasisaniiru.

Waggaa darbe dhiibbaawwan alaa fi keessaa Ityoophiyaarratti aggaamamuu eeruun, rakkoolee kanneen keessa darbuuf Ityoophiyaanonnii fi michuuwwan ishee hojii dippiloomaasii deeggaruun ga’ee olaanaa ba’achuu kaasaniiru.

Tokkummaa fi diinagdeen keenya hin cimu taanaan, nageenyi hin mirkanaa’uu baannaan hagamiyyuu tattaaffiin taasifamu haalonni keessoo keenyaa dippiloomaasiirratti dhiibbaa uumuun isaa waan hin hafnedha jedhaniiru.

Dhiibbaawwan Jabinaa fi tattaafii uummataa, hirmaannaa diyaaspooraa fi dippiloomaasiitiin dandamannee rakkoo hamaan osoo hin qaqqabiin itti fufneerra jechuun Uummata Ityoophiyaa maraa fi michuuwwan ishee galateeffataniiru.

Dhiibbaawwan hanga ta’e laafanis, bifa garaagaraan itti fufuu kaasuun, tokkummaa keessoo keenyaa eeguun nageenya mirkaneessuun cinaatti hariiroo alaa hubannoo uumuurratti bu’uureffate cimsanii itti fufuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Masarat Awwaqaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.