Fana: At a Speed of Life!

Dhimma Ityoophiyaa kan waloo taasifachuun eenyummaa fi egeree keenya boruuf murteessadha-Obbo Binnaalfi Andu’aalem

Finfinnee, Caamsaa 23, 2014 (FBC) – Dhimma Biyyaarratti mari’achuun eenyummaa fi egeree keenya boruuf murteessaa ta’uun cinatti, waa’ee Ityoophiyaa dhalootaa haaraa barsiisuuf gahee olaanaa qaba jedhan Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalfi Andu’aalem.
Mariin Paanaalii Dhimma Ityoophiyaarratti Xiyyeeffate Magaalaa Harariitti taa’amee.
Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalfi Andu’aalem Duudhaalee Ityoophiyaan qabdu hunda kan waloo taasifachuun irrattis hojjanne taanaan rakkoolee nu muudatan hundaaf furmaata ta’uun Badhaadhina barbaadamu bira gahuun ni danda’ama ibsaniiru.
Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan gama isaaniin, duudhaalee, aadaa, amantaa fi gootummaa biyyi Ityoophiyaan qabdu calaqqee tokkummaa fi Jaalalaa ta’e dhalootatti darbarsuun cinatti, ijaarsa biyyattiif murteessaadha jedhaniiru.
Duudhaalee fi Aadaan waa’ee Ityoophiyaa ibsu hedduun jiraatanis kunuunsuun irratti hojjachuu hojjettame hanqina qabaachuu Obbo Qajeelaan eeraniiru.
Duudhaalee waa’ee Ityoophiyaa mul’isan irratti hojjachuun dhimma walooti jedhaniiru.
Mariin kun akka biyyaalessaatti qopheessummaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa fi Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Harariin kan qophaa’eedha.
Nageessoo Kadirtu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.